Magaalaa Finfinnee Paarkii ICT keessatti Giddugalli Daataa ragaa olaanaa baachuu danda'u ijaarramuufi jedhame.

73

Finfinnee, Amajjii 10, 2013 (TOI ) – Magaalaa Finfinnee Paarkii ICT keessatti Giddugalli Daataa ragaa olaanaa baachuu danda'u ijaarramuufi jedhame.

Dhaabbata 'Wiing Afrikaa' jedhamuun kan ijaarramu giddugalli kun proojektoota giddugal ragaa Paan Afrikaatiin ijaarramuuf karoorfaman keessaa isa tokko ta'uu ibsameera.

Lafa Iskuweer Meetira kuma 15 irra kan qubatuudha jedhame.

Dhaabbatichi Proojektii 2ffaa isaa Adaamaarraa fageenya Km 96 irratti ijaaruuf karoorfachuu himameera.

Dhaabbatichi kana dura Jibuutii magaalaa Jibuutiitti, Keeniyaa magaalaa Naayiroobiitti hojii walfakkatu kan hojjete yoo ta'u, yeroo itti Zaambiyaa, Taanzaaniyaa, Moozaambiikii fi Ugaandaati ijaaruuf karoorfachuu ibsameera.

Ityoophiyaatti dhaabbilee 'Raaksiiyoo, Reed Fooks Neetwork Sooluushinii fi Iskuutii'ex' jedhaman dabalataan ICT paarkii keessatti ijaarsa walfakkatu raawwachuuf iddoo walharkaa fuudhiinsa raawwachuu ragaan fuula Daataa Seentar Daayinaamiikis jedhamurraa argame nu muul'isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015