Eebbifamtoonni hojii eegachuu qofaa osoo hin taane carraa argamee hundatti fayyadamuun hojii uummatanii hojjechuu qabu jedhan ministeerri gorsaa dhimma nageenya biyyaaleessa Ministeera muummee obbo Gadduu Andaargachoo.

Finfinnee, 8/2013(TOI)- Eebbifamtoonni hojii eegachuu qofaa osoo hin taane carraa argamee hundatti fayyadamuun hojii uummatanii hojjechuu qabu jedhan ministeerri gorsaa dhimma nageenya biyyaaleessa Ministeera muummee obbo Gadduu Andaargachoo.

Yuunivarsiitiin Maqidallaa Ambaa baratoota sagantaa idileen gosa barnoota adda addaan barsiisaa ture 800 ol eebbiseera.

Sirna eebba kanarratti kan argamaan obbo Gadduu Andargaachoonis haasa tasisaniin baratoonni yeroo turtii mana barnoota kana turanitti beekumsa argatan gara gochaatti jijjiiruun biyya isaanii hiyyummaa keessaa baasuu keessaatti gahee isaanii bahuu qabu jedhaniru.

Kana malees muuxannoo waliin jireenyaa uummanni Walloo qabus gara bakka jiraatannitti babaal'isuu akka qaban ergaa dabarsaniru.

Sirna eebbaa baratoota kanarratti pirezidaantii naannichaa dabalatee hoggantoonni naannichaa biroonir argamaniru

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015