Ministeerichi dameelee waa uumuu fi teekinooloojiitiin jiddu galeessota ijaaruuf kan dandeessiu walii galtee mallatteese

67

Finfinnee Guraandhala 20/2011 Ministeerri Innoveeshinii fi Teekinooloojii dhaabbata Istiim paawor jedhamu waliin dameelee waa uumuu fi teekinooloojiitiin waliin hojjechuuf kan dandeessisu walii galtee mallatteesseera.

Walii galteen kun misooma innoveeshinii fi ijaarsa jiddu galeessotaa, teekinooloojii, carraa hojii uumuu fi deeggara faayinaansii kan of keessatti qabatu yoo ta’u, bu’aalee teekinooloojii akkasumas hojiiwwan innoveeshinii fi qorannoo waliin hojjechuuf kan dandeessisudha.

Dhaabbanni Istiim paawor jedhamu barattoonni saayinsii, teekinooloojii, barnoota injiinariingii fi erregaatiin ga’eessaa fi dorgomaa akka ta’an barumsa qalamaa irra kan darbe qabatamaan akka baratan kan dandeessisu jiddu galeessi Yunivarsiitota keesatti ijaaraa jira.

Walii galtee kana kan mallatteessan da’eettaan ministira Innoveeshinii fi Teekinooloojii Dr. Shumatee fi daarektarri olaanaa Istiim Paawor adde Qiddisti Gabraamlaak dha.

Istiim Paawor jiddu galeessa Innoveeshinii fi qorannoo Burraayyuutti ijaaramuuf galtee kan ta’an meeshaalee hojii

Istiim Paawor ministeera saayinsii fi barmoota olaanoo waliin dhiheenyatti human saayinsii fi teekinooloojii barattootaa guddisuu kan dandeessisu Yuunivarsiitota 7 keessatti jiddu galeessota teekinooloojii ijaaruuf walii galuunsaa ni yaadatama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015