Sibahaat Naggaa dabalatee hoggantoonnnni garee Juuntaa to’annoo jala oolan 9 Finfinnee ga'aniiru. - ENA Afaan Oromoo
Sibahaat Naggaa dabalatee hoggantoonnnni garee Juuntaa to’annoo jala oolan 9 Finfinnee ga'aniiru.

Finfinnee, Amajjii 1, 2013 (TOI) – Sibahaat Naggaa dabalatee hoggantoonnnni garee Juuntaa to’annoo jala oolan 9 Finfinnee ga'aniiru.
Guyyoota lamaan darban hundeessaa fi hogganaa adda duree garee ABUT Sibahaat Naggaa dabalatee hoggantoonni olaanoon garichaa to’annoo jala oolan Finfinnee galaniiru.
- Aadde Qidduusaan Naggaa Af yaa'ii mana maree naannichaa kan turan
2.Dooktar Salamoon Kindee hogganaa Biiroo misooma magaalaa naannichaa kan turan
- Obbo Taklaweeyini Asaffaa Hojii raawwaachisaa Maariit kan turan
- Obbo Gabramadihiin Tawaldee hogganaa Biiroo daldalaa kan turan
5.Obbo Waldagiyoorgiis Dassitaa hogganaa Biiroo Geejjibaa kan turan
6.Ambaasaaddar Abbaadii Zamuu Sudaanitti Ambaasaaddara Ityoophiyaa kan turan
- Obbo Tewoodiroos Hagos Preezdaantii Akkaadaamii Mallas kan turan
- Aadde Mihirat Taklaay gorsituu seeraa mana maree naannichaa kan turan
9.Hooggana garee juntaa Sibahaat Naggaan galgala kana Finfinnee ga'aniiru.