Tiraamp karaa nagaan aangoo dabarsuuf murteessuu beeksisan

Finfinnee, Muddee 30, 2013 (TOI) – Preezdaantiin Ameerikaa Doonaald Traamp moo’atamuu isaan amanuun karaa nagaan aangoo dabarsuuf qophii ta’uu beeksisan.


Demookraatoonni Traamp waajjira isaanii gadi dhiisuun akka ba’an waamicha dhiyeessuufii dubbataniiru.


Jeequmsa deeggartoonni Doonaald Tiraamp tibbana uumuun hordofee Feesbuukiin Twiitara isaanii ugguruun kan yaadatamuudha.


Deeggartoonni kunneen Kaappitool Hiil erga seenaan mootummoonni addunyaa Pireezdaant Tiraamp balaaleeffataniiru.Jeequmsa uumameen Poolisii Kaappitool Hiil tokko dabalatee lubbuun namoota 5 darbeera.


Toorri Twiitarii isaanii sa'atii 12'f erga uggurame booda akeekkachiisa waliin gadi lakkifameera.


Pireezdaanti Traamp bara Faranjootaa Amajjii 20, 2021 aangoo yeroo itti dabarsaniidha.


Pireezdaant Traamp ‘amma xiyyeeffannoon koo karaa nagaan aangoo dabarsuudha jedhan fuula Twiitara isaaniin.


Yeroon kun yeroo araaraa fi nagaa akka ta’u gaafataniiru.Guyyaa kaleessaa Kongiraasiin Yuunayiitid Isteet Joo Baayidan filannoo pireezdaantummaa Sadaasa darbe mo'ate pireezdaantii biyyattii itti aanu ta'uu isaanii seeraan raggaasisee ture.


Maddi:-BBC

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015