Dorgommii km 5 riikardii addunyaa fooyyeessuuf kaleessa Baarseloonatti fiigameen Ganzabee Dibaabaa injifatte.

Finfinnee, Mudde, 23/2013(TOI)-Dorgommii km 5 riikardii addunyaa fooyyeessuuf kaleessa Baarseloonatti fiigameen Ganzabee Dibaabaa injifatte.

Ganzabee Dibaabaa dorgomicha daqiiqaa 15’n 1ffaa baatus riikardii Addunyaa fooyyeessuu hin dandeenye. Fageenicha kanaan dura Atileet siifan Hasaan daqiiqaa 14 fi sekoondii 48 galuun rikaardii qabdi.

Quxusuun ishee Aanaa Dibaabaa daqiiqaa 16 fi sakandii lamaan sadarkaa 2ffaan dorgomicha xumurte.

Ganzabeen dorgommiilee mana keessaafi manaan alaatiin riikardiiwwan addnuyaa shan qabdi. Riikardiin addunyaa km Shanii bara 2019 Moonakootti Lammii Niizarlaandi Siifan Haasaniin daqiiqaa 14fi sakandii 44’n qabamee ture.

Haaluma wal fakkaatuun dorgommii km 10 riikardii addnuyaaf fiigameen atileetiin Keeniyaa Helen Obiri daqiiqaa 30fi sakandii 53’n injifatte.

Riikardiin dorgomichaa atileetii biyya ishee Joyciline Jepkosgein bara 2017 Rippaaplika Cheek Piraagitti daqiiqaa 29fi sakandii 43’n qabameera.

Dorgommii km 10 kaleessuma Ispeen Magaalaa Maadriiditti dorgomameen atileetiiin Itoophiyaa Yalemzarfi Yehuwalawu daqiiqaa 31fi 17’n 1ffaa baate.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015