Yaa'ii ariifachiisan hoggantootaa IGAD 38ffaan murtoo garaagaraa dabarsuun xumurame

69

Finfinnee, Muddee 12, 2013 (TOI) - Yaa’ii ariifachiisaan hoggantoota Mootummoota Misoomaa Baha Afrikaa 38ffaa Jibuutiitti gaggeeffamaa ture murtoo garaagaraa dabarsuun xumurameera.

Yaa’ichi dhimmoota Siyaasaa, Hawaasummaa fi Diinagdee biyyoota miseensa dhaabbatichaa irratti kallattii kaa’eera.

Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad duula olaantummaa seeraa kabachiisuu naannoo Tigraayitti gaggeeffamaa ture ilaalchisee yaa’ichaaf ibsa taasiisaniiru.

Duulichi heera mootummaa fi tokkummaa biyyattii eegsisuun tasgabbii fideera jedhan Dooktar Abiy.IGAD gama isaaniin sababa duula olaantummaa seeera kabachiisuun naannoo Tigraayitti lammiilee deeggarsa namoomaa barbaadaniif deeggarsa taasisuuf waliigaltee dhiyaate raggaasiseera.

Sudaanitti waggaa lama dura warraaqsa ummataa hordofee adeemsa ce’umsa demookraasii muul’ate dinqisiifachuun waliigaltee nageenyaa Sudaan Kibbaa Juubaatti taasiifame leelliseera.

Dabalataan humnoonni mormitootaa Sudaan waliigaltee nageenyaa hojiitti akka hiikanii fi mootummaan Sudaanii fi qooda fudhattoonni Mana Maree Seera Baaftuu yeroo akka hundeessan gaafateera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015