Komiishiniin Investimantii Oromiyaa bara kana Pirojaktoota 4,900 kaappitaala Birrii Biiliyoona 83'n hojiitti galchuuf qophaa'uusaa beeksise.

83

Finfinnee, Mudde 12/2013(TOI)-Komiishiniin Investimantii Oromiyaa bara kana Pirojaktoota 4,900 kaappitaala Birrii Biiliyoona 83'n hojiitti galchuuf qophaa'uusaa beeksise.

Misooma Investimantii kanaan qonnaan bultoota,horsiisee bultoota, dargaggootaa ce'anii fi dureeyyii biyya keessaa fi biyya alaatu irratti hirmaata jedhameera.

Pirojaktoota investimantii kanaaf lafti heektaarri kuma 35 fi 920 adda ba'uusaa Komiishinarri komiishinii Investimantii Oromiyaa Dr. Baayisaa Badhaadhaa himaniiru.

Pirokatoota investimantii 4,900 hojiitti galuuf qophaa'an kanneen keessaa harka 82.2% qonaan bulaafi horsiisee bulaaf, harka 7.3 ammoo dargaggoota waldaan gurmaa'anii ce'aniif akkasumas harka 10.5 ammoo dureeyyii biyya keessaa fi biyya alaaf kan kennamu ta'uu himameera.

Pirojektoota kanaanis namoota hojii hin qabne kuma 313fi 566'f carran hojii dhaabbii fi yeroo akka uumamu eerameera.Komiishiniin Investimantii Oromiyaa baatiiwwan shanan darban iddoowwan invastimantiin baayyinaan itti raawwate Magaalota 8 fi Godinaalee 2 irratti xiyyeeffatee hojjetaa akka ture himeera.

Misoomaa Investimantii ji'oota shanan darban keessatti namoota 20,350 carraa hojii umamuusaa, Dr Baayisaan himaniiru.Pirojaktoota hanqina agarsiisan 18'f of eeggannoon kennnameera,Pirokaktoonni 79 hojiitti yoo galan Pirojaktoonni 89 ammo oomishuu eegaluusaanii Dr Baayisaan himaniiru.

Maddi :- OBN

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015