Biyyoonni Awurooppaa gosa Covid haaraa Yuunayitiid Kiingidaamitti argameef jecha imala dhorkan.

62

Finfinnee, Muddee 12, 2013 (TOI) – Biyyoonni Awurooppaa gosa Covid haaraa Yuunayitiid Kiingidaamitti argameef jecha imala dhorkan.

Yuunayitiid Kiingidaamitti gosti vaayrasii koroonaa ''to’annoon ala ta’ee'' fi saffisaan daddarbu mul'achuu isaatiin biyyoonni Awurooppaa dhorkaa imalaa kaa’aa jiru.Aayerlaandi, Jarman, Faransaayi, Xaaliyaan, Neezarlaandis fi Beeljiyam balallii gara UKtti taasifamu addaan kutaniiru.

Tarkaanfiiwwan kunneen garaagarummaa kan qabaniifi jalqabarra yeroo muraasaaf kan turan ta’anus, gama Faransaayiin imala bishaanirra taasifamus nidabalata.Wal-ga’iin Gamtaa Awurooppaa Wiixata ganama taasifamu deebii qindaa’aa kennuu irratti ni mari’ata.

Dhibeen haaraan kun Landanii fi kibba-baha Ingilaanditti ariitiin tatamsa’ee jira.Muummeen Ministiraa Booriis Joonsan dhorkiiwwan afur naannolee sanatti kan labsan yoo ta’u, kabaja ayyaana Qilleef jecha dhorkaa laaffachuuf tures akka iddootti deebi’u taasifamuu beeksisani.

Anga’oonni fayyaa biyyattii gosti Covid-19 haaraa kun hammaataa ta’uusaaf yookaan talaalliiwwan kennamaniif amala addaa agarsiisuu isaaf ragaan qabatamaa hin jiru yoo jedhan, vaayirasiin kun %70'n isa duraa caalaa kan daddarbu ta’uun mirkanaa’eera.

Ministirri FayyaaYuunayitiid Kiingidaam Maat Haankook gosti vaayirasichaa haaraan kun ‘‘to’annoon ala ta'eera. To’achuun nurraa eegama, bara haalaan rakkisaa ture kana daran rakkisaa taasisuun dhumuufi jedhani’’

.Maddi:BBC

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015