Tajaajila Poostaa Itiyoophiyaa ammayyeessuuf hojjetamaa akka jiru himame

95

Finfinnee, Muddee 9/2013(TOI)-Tajaajila Poostaa Itiyoophiyaa ammayyeessuuf hojjetamaa akka jiru himame.

Ministeerri Innooveeshinii fi Teeknooloojii Ministeera dhimmoota dinagdee fi Inarjii Jarman waliin ta’uun hojimaata tajaajila Poostaa ammayyeessuuf waliin hojjechuuf waliigalaniiru.

Bu’uura waliigaltichaan Ministeerri dhimmoota dinagdee fi Inarjii Jarman deeggarsa barbaachisu ni kenna jedhameera.

Manneen hojii ministeeroota lameen bu’uura waliigaltee irra gahameen deeggarsi hojiichaa baatii Guraandhala keessa kan eegalamu ta’uu eerameera.

Maricha irratti Hooggantoonni Ministeera lameen , Hooggantoonni tajaajila poostaa Jarman fi tajaajila poostaa Itiyoophiyaa irratti argamuu saanii ragaan Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojii irraa argame ni mul'isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015