Mummeen ministiraa Eswaatinii Covid-19 du'an.

67

Finfinnee, Muddee 5/2013 (TOI) – Mummeen ministiraa Eswaatinii Covid-19 du'an.

Mootummaan Eswaatinii akka jedhetti Mummeen Ministiraa Eswaatinii Ambrose Dlaamini erga vaayrasii koroonaan qabamuunsaanii beekamee baatii tokkoon booda boqatan.

Ibsi mootummaa biyyatti akka jedhetti, Dlaaminii umurii waggaa 52ffaa isaanitti, hospitaala Afriikaa Kibbaa keessatti du'an.

Sababiin du'a isaanii eerame kan hinjirre yoo ta'u, garuu Dlaaminii Afriikaa Kibbaatti Covid-19f wallaansa argataa turan.

Dilaaminii mummee ministiraa Eswaatiini akka bara Faranjootatti Onkolooleessaa 2018 irraa kaasee kan duraan Swaazlaand jedhamuu beekamu turan.

Eswaatiinis biyyi Afriikaa Kibbaa xiqqoo fi kan kara galaanaa hin qabnedha.

Biyyattii ummata miliyoona tokko qabdu tunis namoonni 6,768 vaayirasii koroonaan yoo qabaman, 127 ammoo sababiidhuma kanaan du'usaanii Ministirri fayyaa biyyattii beeksiiseera.

Maddi:- BBC

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015