Hojiin Ijaarsa Daandii Konkiriitii Aspaaltii Turmii – Oomoo Kiiloo Meetirri 48 xumuramuu Abbaan Taayitaa Daandiwwanii Itoophiyaa beeksise

69

Finfinnee, Sadaasa 25/2013 (TOI) – Hojiin Ijaarsa Daandii Konkiriitii Aspaaltii Turmii – Oomoo Kiiloo Meetirri 48 xumuramuu Abbaan Taayitaa Daandiwwanii Itoophiyaa beeksise.

Kiiloo Meetirri 55 ammoo ariitiin hojjetamaa kan jiru yoo ta’u, ijaarsa hafe qulqullinaan xumuruuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu ibsameera.

Ijaarsa daandichaaf Birriin miiliyoonni dhibbi 8 fi miiliyoonni 97 baajata mootummaa Ityoophiyaan kan uwwifame yoo ta’u, dhaabbanni ijaarsaa Raamaa jedhamu hojicha gaggeessaa jira.

Hojiin too’annoo fi gorsaa dhaabbata ‘Istaadiiyaa Injiinariing Konsaltaant Workis’ jedhamuun hojjatamaa jira.Ijaarsi daandichaa wayita xumurame magaalaa Turmii magaalaa Kaangaateen waliin walitti hidhuun rakkoo geejjibbaa naannichaatti ture ni fura jedhamee eeggama.

Akkasumas daandii kanaan hidhata kan qabu ijaarsa daandii Aspaaltii Wayxoo Turmii eegalchiisuuf adeemsi caalbaasii xumuramaa jiraachuu ibsameera.

Akka ragaan Abbaa Taayitaa Daandiwwanii Itoophiyaarraa argame ni muul’isutti bara kana adeemsi isaa xumuramuun gara hojiitti gala

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015