Naannoo Oromiyaatti deeggarsa Raayyaa Ittisa Biyyaaf Biirrin miiliyoona 100'tti tilmaamamau walitti qabame

79

Finfinneee,Sadaasa. 08,2013(TOI)-Naannoo Oromiyaatti deeggarsa Raayyaa Ittisa Biyyaaf Biirrin miiliyoona 100'tti tilmaamamau walitti qabamuusaa, Biiroon Dhimmoota Kominikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaa beksise.

Hogganaan Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii Naannoo Oromiyaa Obbo Getaachoo Baalchaa akka jedhanitti, jiraattonni naannichaa hiriira nagaa bahuun tarkaanfii mootummaan garee Juuntaarratti fudhachaa jiru deeggaruu fi tarkaanfii gareen Raayyaa Ittisa biyyaa Ajaja Kaabaarratti fudhate balaaleffateera jedhan.

Kana malees, hawaasni naannichaa deeggarsa garaa garaas gumaachuusaa himaniiru.

Haaluma kanaan hanga Sadaasa 07,2013'tti deeggarsi Birrii miiliyoona 100 shallagamu hawaasni naannichaa gumaachuu, Obbo Getaachoo himaniiru. Deegarsa kennaman keessaa birrii miiliyoona 55 fi 420 harkatti ,sangoota kuma 3 fi 927,re'oota fi hoolota kuma 4 fi 397 gaala 17, paatsa fi mokooroonii konkolaataa 16fi akkasumas buna kuntaala 16 deeggarsi taasifameera.

Dabalataan Dhiigni yuuniitii 173 ajoomammeera JEDHAN

Maddii odeeffannoo kanaa Dhaabata Pireesii Itiyoophiyaadha.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015