Finfinneetti lammilee kuma 6 ol daandiirra jiraatan deebisaanii dhaabuuf hojjatamaa Jira

86

Finfinnee, Sadaasa 7, 2013 (TOI)- Biiroon Dhimma Hojjataa fi Hawaasummaa bulchiinsa magaalaa Finfinnee lammiilee daandiirra jiraatan kuma 6 ol deebisee dhaabuuf hojjachaa jiraachuu ibse.

Itti gaafatamaan biiricha obbo Tafarraa Mollaa, lammiilee sababoota garaagaraan jireenya isaanii daandiirra taasisan kaasuun eegalameera jedhan.

Hanga ammattis kuma 2 kan ta’an buufata tursa kutaa magaalota garaagaraatti qopha’eetti galuusaanii ibsaniiru.

Qamoolee dhimmi ilaallatu waliin koree dhaabbate hojiitti galu eeraniiru.

Giddugaloota kanneenitti weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf ogeeyyiin fayyaa kan ramadaman yoo ta’u, meeshaaleen nyaataa fi uffataa guutamuufi ibsaniiru

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015