Qaamoleen ergama badii ABUT irraa fudhatanii Naannoo Gaambeellatti sabaa fi sablammoota walitti buusuuf socha'aa turan to'annoo jala oolan

66

Finfinnee Onkololeessa 26/2013(TOI)-- Qaamoleen ergama badii ABUT irraa fudhatanii Naannoo Gaambeellatti sabaa fi sablammoota walitti buusuuf socha'aa turan to'annoo jala oolan.

Guyyaa kaleessaa Naannoo Gaambeellaatti qaamoleen ergama badii ABUT irraa fudhatanii sabaa fi sablammoota walitti buusuuf socho'aa turan to'annaa jala ooluusaanii,Tajaajilli Nageenyaa fi Odeeffannoo biyyaalessaa beeksise.

Tajaajilli Nageenyaa fi Odeeffannoo biyyaalessaa ibsa baaseen Shakkamtoota Tsaggaayee Mabiraatuu(Kaasaayi), Gabramaariyaam Anaaniyaa, Waastinnaa Tashoomaa(Jaal Seenaa),Abirhaam Mahaarii,Koloneel Tasfaayee(Baalestiraa) fi kanneen biroo 19 humnoota ABUT fi ABO Shanee to'annaa jala oolchuu beeksiseera.

Naannichatti Sabaa fi sablammoota walitti buusuun naannoo hokkoraa gochuuf shrri xaxamee ture fashaleessuun to'annaa jala akka oolan ta'eera.

Haaluma wal fakkaatuun Naannoo Beneshaangul Gumuzi Godina Matakkalitti namoonni Yohaannis Girmaayii fi Ri'isoom Girmaayi jedhaman ergama Abbaayi Tsahaayyerraa irraa fudhatanii naannichatti hokkora uumuun dhumaatiin akka dhalatu gochuuf turanis miiltoosanii 20 waliin to'annaa jala oolaniiru.

Naannoo Gambeellaa fi Beneshaangul Gumuzitti shira qindaa'e fashaleessuun kan danda'ame qaamoleen nageenyaa fi Tajaajilli Nageenyaa fi Odeeffannoo Biyyaalessaa qindoominaan waan hojjetaniifi jedhameera.

Naannolee biroottii qaamole ergama badii fudhtanii socho'an hordoffiin cimaa ni taasifama jedhameera

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015