Itiyoophiyaa, Sudaanii fi Gibtsi Hidha Haaromsaarratti waliigaltee gaggeessan guyyaa boruu akka eegalan ibsame

135

Finfinnee, Onkololeessa 16, 2013 (TOI) - Itiyoophiyaa, Sudaanii fi Gibts Hidha Haaromsaarratti waliigaltee sadan isaanii gaggeessan guyyaa boruu akka eegalan Pireezdaantiin Afrikaa Kibbaa Siiril Raamaafoosaa beeksisaniiru.

Muummee Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad, Muummee Ministiraa Sudaan Abdallaa Haamdookii fi Pireezdaanti Gibtsi Abdulfattaa Al Siisii waliin marii bal’aa taasisuu Pireezdaantiin Afrikaa Kibbaa Siiril Raamaafoosaa ibsaniiru.

Dura Taa’aan Gamtaa Afrikaa yeroo ammaa Pireezdaanti Afrikaa Kibbaa Siiril Raamaafoosaa marichaan boodde waliigaltee hidha haaromsaarratti taasifamu guyyaa boruu akka eegalu ibsameera.

Pireezdaanti Siiril Raamaafoosaa deeggarsa Gamtaa Afrikaan kan gaggeeffamu waliigalteen sadeenii naga qabeessaa fi furmaata fiduuf gaggeessittoonni biyyoota sadeenii kutannaa fi kaka’umsaa akka qaban ibsaniiru.

Marichi biyyoonni sadeen rakkoo Afrikaa, Afrikaanotaan furmaata fiduurratti amantummaa akka qaban kan mul’isudha jedhaniiru.

Biyyoonni sadeen dhimmoota teekniiikaa fi seeraa dabalatee dhimmoota hafan irratti waliigalteerra ni ga’u kan jedhu amantaa akka qaba ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015