Finfinnee kutaa magaalaa Nifaas silk Laaftootti mana nama dhuunfaatti Birrii Noottii haaraan miiliyoona 2 ol too’atamuu Komishiniin Poolisii Magaalaa Finfinnee beeksise.

87

Finfinnee, Onkololeessaa 12, 2013 (TOI) - Kutaa magaalaa Nifaas silk Laaftootti mana nama dhuunfaatti Birrii Noottii haaraan miiliyoona 2 ol too’atamuu Komishiniin Poolisii Magaalaa Finfinnee beeksise.

Labsiin baankii 591/2008 akka hubchiisutti, namni tokko harka isaatti maallaqa Birrii miiliyoona 1.5 fi isaa gadi qabachuu akka danda’uu fi namni maallaqa hanga jedhamee ol qabatee argame maallaqichi akka dhaalamu ifatti taa’eera.

Qajeelcha Poolisii kutaa magaalaa Nifaas Silki Laaftootti Itti Aanaan Hogganaa Garee qoranoo Yakkaa Inspeektar Yirgaa Takkaa akka ibsanitti maallaqichi eeruu ummataan kan too’atamedha.

Qaajeelfama baankii biyyaalessaa darbuun Birrii miiliyoona 2 fi kuma 200 fi kuma 22 harka irratti argamuun too’atamuu ibsameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015