Naannoon Affaar lammiilee Oromiyaatti balaa lolaan miidhamaniif deeggarsa taasise

82

Finfinnee, Onkololeessa 6, 2013 (TOI) – Mootummaan naannoo Affaar naannoo Oromiyaatti lammiilee balaa lolaan miidhamaniif deeggarsa taasisaniiru.

Deeggarsichaan ruuzii, daakuu fi zayta Birrii miiliyoona 3 fi kuma 400tti tilmaamu kan taasisan.

Deeggarsichi lammiilee lolaa laga Awaashiin miidhaman tumsuuf oola jedhameera.

Sadarkaa preezdaanti itti aanaatti Qindeessaan Kilaastara Baadiyaa Dooktar Girmaa Amantee, deeggarsi taasifame hariiroo nannoleen lameen waliin qaban caalmaatti ni cimsa jedhaniiru.

Komiishinarrii Sodaa Balaa Oromiyaa obbo Abaadir Hamzaa deeggarsa taasifameef galateeffataniiru.

Komiishinarri Sodaa Balaa naannoo Affara obbo Mahammad Huseen lammiif kan dhaqqabu lammiidha kan jedhaniiru.

Dabalataniis mootummaan naannoo Oromiyaa yeroo lammiileen Affaar sababa balaa lolaan miidhamaan deeggarsa taasisa turaniiru jedhan.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015