Biiroon Bulchiinsaafi Nageenyaa Oromiyaa akkaataa Irreechi bara 2013 kabajamurratti midiyaaf ibsa kenne

Finfinnee Fulbaana 18,2013(TOI) -Biiroon Bulchiinsaafi Nageenyaa Oromiyaa akkaataa Irreechi bara 2013 kabajamurratti midiyaaf ibsa kenne.

Irreechi Hora Finfinnee waggaa 2ffaaf kabajamu sababa weerara vaayirasii koronaan Addunyaan yaaddoo fayyaa, nageenyaa fi diinagdee keessa jirtutti ta'uun adda isa godha.

Bu'ura duudhaa Ayyaana Irreechaa haala jidduu galeessa godhateen kabajuuf mariin hawaasaa taa'amuu ibsa kennameen himameera.

Ayyaanni kun milkiin akka raawwatuuf qaamoleen nageenyaa sadarkaan jiran qophii ta'uusaanii Hogganaan Biiroo Bulchiinsaafi Nageenyaa Oromiyaa, Obbo Jibril Mahaammad himaniiru.

Irreechi iddoo itti kabajamu Hora Finfinnee fi Harsadee qofa otoo hin taanee iddoo Ayyaannii kun itti kabajamuu maratti naga'aan akka xumuramuuf qaamooleen nageenyaa hundi qophiidhas jedhan.

Humni nageenyaa Oromiyaa, Poolisii Fedaraalaa fi Raayyaa Ittisa Biyyaa waliin qindoomina olaanaan ayyaanni kun milkaa'inaan akka xummuramuuf qophii gahaan godhameera jedhan Obbo Jibriil.

Ummanis ayyaanichi nagaan eegalamee akka xummuramu qaamoolee nageenyaa tumsuun gaheesaa bahuu akka qabus dhaamaniiru.OBN wabeffanne.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015