Qabeenya Tuurizimii Naannoo Oromiyaa abbootiin qabeenyaa biyyoota gara garaa irratti akka misoomsaniif hojjetaamaa jira- Obbo Kabbadaa Deessisaa

118

Finfinnee Fulbaana 16/2013(TOI)-Qabeenya Tuurizimii Naannoo Oromiyaa abbootiin qabeenyaa biyyoota gara garaa irratti akka misoomsaniif hojjetaamaa jiraachuu, Hoogganaan Biiroo Aadaa fi Tuurizimii Oromiyaa Obbo Kabbadaa Deessisaa beeksisan.

Jilli abbootii qabeenyaa Sudaaniif magaalaa Bishooftuutti simannaan taassifameera.

Jilli abbootii qabeenyaa Sudaan Fulbaana 12 Itoophiyaa seenan kunneen hawata Tuurizimii Naannoo Amaaraa daawwataa tureen,wayita Nannoo Oromiyaa seene immoo bakka hawwata Tuurizimii hara Kurruftuutti Hoogganaa Biiroo Aadaa fi Tuurizimii Oromiyaa Obbo Kabbadaa Deessisaan simatamaniiru.

Obbo Kabbadaann jilli abbootii qabeenyaa Sudaan Kan dhufan qabeenya Tuurizimii naannoo misoomsuuf akka ta'e himaniiru.

Keessattu naannicha seekteroota gurguddaa akka Qonnaa,Albuudaan cinaatti madda galii naannoo Oromiyaa guddisuuf xiyyeeffannaan kennameeras jedhan.

Jila abbootii qabeenyaa Sudaan hooggananii kan dhufan Omar Alii,Kaartumii kaanee Itoophiyaa Kan dhufneef,obbolummaa keenya cimsuu fi qabeenya jiru waliin misoomsuufi jedhan.

Jilli kun,guyyoota itti aanaanitti hawwata Tuurizimii Nannoo Oromiyaa kan akka hara Bishooftuu,Wancii,Paariiwwan Abijaataa Shaallaa,Paarkii Awaashii fi gaarreen Baalees ni daawwatu jedhameera. Maddi OBN

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015