Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad ayyaana Daamaraa Masqalaa sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsaniiru

101

Finfinnee Fulbaana 16/2013(TOI) - Ministirri Muummee Dr. Abiyyi ayyaanni Daamaraa Masqalaa Ityoophiyaatti duudhaa amantaa qabuun cinaatti hiikkaa aadaas ni qaba jedhaniiru.

Ayyaanicha walii yaaduu fi walgargaaruun vaayrasii koroonaa ittisaa of eeggannaan akka kabajamu imaanaa jedhaniiru.

Ayyaana sababeeffachuun maatiin addaan fagaatee ture, Birraan bari’uun booda walargee yaaddoo walii ba’ata.

Yeroo ayyaanaa kanatti nyaachuu dhuguun cinaatti lammiilee sababii namtolchee fi uumamaatin rakkoorra jiran yaa gargaarrun waamicha dhiyeessaniiru.

Midhaan ooyruurra jiruu walitti qabuuf yeroo ga’aa jiru kanatti rooban akka hin mancaane qonnaan bulaa gargaaruunis yaa tumsinuun ergaa dabarsaniiru.

Weerarri vaayrasii koroonaatis of dagannaadhan akka hin babal’anne ga’ee keenya yaa baannuunis waamicha dhiyeessanii, ayyaanichi kan nagayaa fi badhaadhinaa akka ta’us hawwaniiru Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad ergaa fuula Feesbuukii isaaniin dabarsaniin.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015