Koomiishiniin Poolisii Federaalaa ayyaanni Daamaraa Masqalaa fi Irreechi nagayaan akka kabajamu qophii xumuruusaa beeksise.

55

Finfinnee, Fulbaana 15/ 2013 (TOI) – Koomiishiniin Poolisii Federaalaa ayyaanni Daamaraa Masqalaa fi Irreechi nagayaan akka kabajamu qophii xumuruusaa beeksise.

humnootiin nagaa booressuuf qophaa’an, ayyaanna lamaan nagayaan akka hin kabajamne socho’an jiraachuu ragaan qaba jedheera.

poolisiin nagaa kabachiisuuf qophii ta’uu Koomiishinarri Janaraalaa Poolisii Federaalaa Indaashaaw Xaasaw beeksisaniiru.

Ayyaanni Daamaraa Masqalaa fi Irreechi weerara vaayrasii koroonaaf akka hin saaxilamnetti of eeggannaan akka kabajamuu qabanis yaadachiisanii jiru.

Abbootii amantaa, abbootii Gadaa fi jaarsolii biyyaa waliin mariin taasifamee waliigalteerra ga’amuus ibsaniiru.

Hirmaataan kamuu baajii laatame godhachuu akka qabu ibsan janaraal koomiishinarichi.

Kana kan hin qabaanne gara kabajichaa seenuu akka hin dandeenye, poolisiin eegumsa kan taasisu ta’uu eeraniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015