Bakki gubaa Daamaraa Addabaabaayiin Masqalaa qulquleeffamaa jira

67

Finfinnee Fulbaana 14/2013(TOI)-- Kabaja Ayyaana Masqalaa bara 2013 Sanbata dhufuu kabajamu miidhaqsuuf bakki gubaa Daamaraa Addabaabaayiin Masqalaa qulquleeffamaa jira.

Hojii kana abbummaadhaan Gumii Dhaabbilee Amantaa Itiyoophiyaatu qindeese.

Gubaan Daamaaraa jala bultii Ayyaana Masqalaatti gaafa 16 galgala kan kabajamu yoo ta'u, Sirni Daamaraa Addabaabaayii Masqalaa Finfinneetti gaggeeffamu qabeenya biyyaa Itiyoophiyaan UNESCO irratti galmeessifte waan ta'eef sirna kanaaf xiyyeeffannoo guddaatu kennamee hojjatama jedhameera.

Kanaaf bakki gubaa kun piroojektoota gurguddaa Finfinnee keessatti hojjatamaa jiru keessaa isa tokko waan ta'eef, osoo ijaarsa irra jiruu bakki kun kabaja ayyaanichaaf mijeeffamaa jira.

Hojii qululleessuu kanarratti abbootiin amantaa dhaabbilee amantaa gara garaa irraa, dargaggoonni tola ooltonnifi hojjattoonni qulqullina magaalaa Finfinnee argamaniiru.

Ayyanichi bakka ijaarsa irra jiruutti yeroo sodaa vaayirasii koronaa jala jirrutti waan kabajamuuf hawaasni kabaja ayyaanichaa irratti argamu of eeggannoo cimsuu akka qabu Abbootiin amantaa waamichi dhiyeessaniiru.

Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee bakka kana yeroo gabaabaa keessatti kabajaaf akkuma nan qaqqabsiisa jedhee waadaa seenetti qopheessuu isaa Hoji gaggeessan pirojaktoota gurguddaa Magaalaa Finfinnee Injiinar Shimallis Isheetuu himaniiru.OBN irraa odeeffanne.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015