Ityoophiyaatti lakkoofsi namoota Vaayrasii koroonaan qabamanii kuma 70 caale

140

Finfinnee, Fulbaana 13, 2013 (TOI) - Ityoophiyaatti lakkoofsi namoota Vaayrasii koroonaan qabamanii kuma 70 caaluu Ministeerri Fayyaa Beeksiseera.

Gabaasa qorannoo guyyaa kaleessaan namoonni dabalataa 713 vaayrasii koroonaan qabamuu ibsameera.

Gabaasichaan qorannaan laabraatoorii 6,813 kan hojjetame yoo ta’u, 713 irratti vaayrasichi argamuu Ministeerri Fayyaa beeksiseera.

Haaluma kanaan waliigalaan Ityoophiyaatti namoonni 70,422 vaayrasichaan qabamaniiru.

Waliigalaan hanga ammaatti kan dandamatan 28,991 qaqqabeera.

Gabaasa sa’aa 24 darbeetin lubbuun namoota 19 kan darbe yoo ta’u, waliigalaan namoonni 1,127 lubbuu isaanii dhabaniiru.

Namoota vaayrasichi irratti argamu 40,302 keessaa 357 hordoffii wallaansa cimaa keessatti argamu.

Ityoophiyaan waliigalaan qorannaa laabraatoorii miiliyoona 1 fi kuma dhibba 2 fi kuma 17 fi dhibba 748 hojjetameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015