Bulchiinsi magaalaa Finfinneetti lammiilee balaa lolaatin miidhamaniif deeggarsabirrii m iliyoona 29 taasise

68

OBN Fulbaana 08,2013- Bulchiinsa magaalaa Finfinneetti lammiilee balaa lolaatin miidhamaniif deeggarsa maallaqaa fi meeshaalee garaagaraa Birrii miiliyoona 29tti tilmaamamu taasiseera.

Deegarsichi baajata Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee, Liigii Dargaggoota Paartii Badhaadhinaa, tola ooltotaa fi waldaa dhuunfaa Amiibaaraa irraa kan walitti qabame ta’uu kantiibaan itti aantuun Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach A fuula Feesbuukii isaaniirratti ibsaniiru.

Deeggarsichi naannoo Affaariif miliyoona 12, Oromiyaaf miiliyoona 8, Amaaraatiif miiliyoona 5
naannoo Sabaa fi Sablammootaa fi Ummatoota kibbaatiif miiliyoona 4 taasifameera.

Aadde Adaanach hojii sassaabbi deeeggarsa kanaarratti kan hirmaatan darggaggota tola ooltota ,waldaa dhuunfaa Amiibaaraa fi Liigii Dargaggoota Paartii Badhaadhinaas galateeffataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015