Talaallii vaayireesii koronaa hunduu gatii madaalawaan argachuu qaba- Dhaabbata Mootummoota Biyyoota Gamtoomanii

90

Finfinnee, Fulbaana.7,2013(TOI) - Barreessaan Dhaabbata mootummoota gamtoomani Aantooniyoo Guutareez akka jedhanitti Sodaa COVID-19 irraa kan bilisa taanuu bakka hundatti, kutaalee hawaasa hundaaf gatii madaalawaan yoo dhiyeessuu dandeenye qofa jedhan.


Walga’iin waliigalaa dursitoota dhaabbata mootummoota gamtoomanii 75ffaan osoo hin eegaliin dura ibsa miidiyaaf kennaniin obbo Gutaareez,Weerarri dhibee COCID-19 to’annoon ala waan ta’eef yeroo dhiyootti lubbuun lammiilee miliyoona 1 ni darba jedhan.


Dawaa kana argachuuf yaaliin hanga ammaa taasifamaa jiru abdii qabeessa ta’us hanga ammaatti dawaan dhibee kana guutummaan guutuutti fayyisu hin argamne.


Talaallii qofa argachuun yeroo dhiyootti dhibee kana dhaabuu hin dandeessisu jedhaniru obbo Gutareez. Dabalatanis,lakkoofsa namoota dhibee kanaan qabamanii xiqqeessuuf tarkaanfileen barbaachisu fudhatamuu qabu jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015