Manni Maree Ministirootaa walga'ii idilee 89ffaa gaggeessen murteewwan dabarse

56

. Finfinnee Fulbaana 07/ 2012((TOI) - marichaa kaleessa Fulbaana 6,2013 walga'ii idileesaa gaggeessen, ajandaalee lamarratti mari'achuudhan murteewwan dabarsee jira.

Haaluma kanaan Itiyoo Injiinariing Giruup hundeessuuf wixinee dambii qophaa'erratti mari'atee, yaadolii galtee ta'an erga ida'een booda Gaazexaa Nagaaritiin maxxanfamee hojiirra akka oolu murteesseera.

Dabalataan wixinee raggaasistuu waliigaltee tumsaa Itiyoophiyaafi Federeeshiniin Raashiyaa humna nuukleeraa kaayyoo nageenyatiif fayyadamuuf irra ga'anirratti mari'atee akka ragga'ee hojiirra oolu Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataa FDRItif ergeera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015