Leenjii hoggantoota Paartii Badhaadhinaa Gidduu galeessaa Magaala Adaamattii taa'amaa jira

108

Finfinnee Fulbaana 04,2013(TOI) - Leenjii hoggantoota Paartii Badhaadhinaa Gidduu galeessaa Magaala Adaamattii taa'amaa jira.

Leenjicha irratti hoggansa olaanaa fi gidduu galeessaa Godina shawaa bahaa ,Bulchiinsa magaalaa Adaamaa fi Baatuu kilaastara Adaamaatti taa'maa jira.

Leenjichii mataa duree ''Haala yeroofi akeeka ce'umsa jijiirama Paartii Badhaadhinna'' jedhuun taa'ama jira.

Leenjicha irratt hoggantootni 365 ol hirmaachaa jiru jedhameera.Haala barbaachisummaa paartichaa irratti Ministerrii Mummee Dr. AbiyyI Ahamad fi PIreezedaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa,akkasuma hogganaan Paartii Badhaadhinaa damee Oromiyaa obbo Fiqaaduu Tasammaa Viidiyoo konfiransiitiin kennamaafii jira.

Itti gaafatamaan Partii Baadhidhinnaa Godina shawaa Baha obbo Kamaal Maammee fi Itti gaafatamaan Paartii Badhaadhinaa Bulchiinsa Magaala Adaammaa obbo Alamayyoo Tulluu marichi haala yeroo irratti kan xiyyeeffateedha jedhan.

Baarbaachisummaa Paartichaa haala biyyattiin keessa jirtu jidduu galeessa kan godhateefi yeroo isaa kan eegatee kan jedhan immoo Bulchaa Godina Shawaa Bahaa Obbo Alaakaa Simbiruu fi Kantibaan Magaalaa Adaamaa obbo Hayiluu Jaldeeti.

Leenjichii Guyyoota saddeetiif ittii fufiinsa kan kennamuu ta'as jedhameera.

Maddi :- OBN

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015