Ayyana bara haaraa kanarratti Nageenya Magaalaa eeguuf jecha Richiitii dhukaasuun dhorkaadha jedhe Komishiin Polisii

121


Finfinnee, Qaammee 5, 2012(TOI) – Nageenya Magaalaa eeguuf jecha Richiitii dhukaasuun dhowaa ta'uu, Komishiniin Poolisii Federaalaa beeksise.


Komiishiniichatti Ittigaafatamaan Diivizhinii Miidiyaa Sabqunnamtii Ummataa Inispeektarri Olaanaa Marqoos Taddassaa namoonni dhuunfaa dhukaasa richiitti sababa taasifachuun hojii shoroorkessumma raawwachuuf qophaa’an jiraachuu poolisiin qorannoon biraa gaheera jedhan.


Kanaafuu yakkaa ittisuuf bara haaraa kana sababeffachuun namnni dhuunfaa kamuu richiitii dhukaasuun hin qabu; kana darbuun namni richiitii dhukaase to’annoo jala akka oolu dubbataniiru.

Sakkata’insa taasifameen boombii 1fi meeshaa waaranaa shugguxiin 4 to’annoo jala ooluun namoonni dhimmaa kana waliin shakkamanis 180 to’annoo jala ooluun poolisiin qorannoo taasisaa akka jiru himaniiru.


Inispeektarri Olaanaa Marqoos Taddassaa hawaasni nageenya mata isaa eegachuun yakkamtoota nageenya booresssan ittisuuf hojii hojjetamu keessatti qaamoolee nageenyaaf eeruu kennuun deeggarsa barbaachisaa akka kennuu waamichaa dhiyeessaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015