Koomishiinin Gamtaa Afriikaa meeshaaleen waraanaa seeraan alaa siiviloota Afriikaa harka jiru miiliyoona 40 akka sassabamu labse

87

Finfinnee  Qaammee 02,2012(TOI) - Koomishiinin Gamtaa Afriikaa meeshaaleen waraanaa seeraan alaa siiviloota Afriikaa harka jiru miiliyoona 40 olitti tilmamamuu hatattaman akka sassabamuuf waamicha dhiyyeesse.

Koomishinarri Nageenyaa fi Eegumsaa Gamtaa Afriikaa Simeel Cheerguyi baatii dhiifamaa Afriikaa ilaalchisee ibsa laataniiru.

Koomishnariichi ibsa isaani irraatti meeshaaleen waraanaa seeraan alaa siiviloota Afriikaa harka jiru kan sassaabamu akka lakkoofsa Awurooppaa bara 2020,''sagalee rasaasaa dhabamsiisuun Afriikaa misoomaf mijattee uumuu’ yaada jedhuun hojiirraa olchuuf akka ta’e himaniiru.

Baatiin dhiifama Afriikaa, Afriikaa sagalee meeshaan waraanaa itti hin dhaga’amne uumuuf bu’uraa yoo ta’u, waltajjii hoggantoota 29ffaa akka lakkoofsa Awurooppaa bara 2017 magaalaa Finfinneetti adeemsifame irraatti ture kan labsame.

Yeroo sanatti baatiin Fulbaana waggaa waggaan baatii dhiifaama akka ta’u filatameera.

Yeroo amma kanatti meeshaalee waraanaa seeraan alaa siiviloota Afriikaa harka jiru sassaaba jirraa kan jedhan Koomishnarri Nageenyaa fi Eeguumsaa Gamtaa Afriikaa, meeshaalee waraanaa seeran alaa sasalphaa irraatti qorannoo gaggeessun Afriikaatti meeshaan waraanaa miiliyoona 40tti tilmamamuu jiraachuu himuun, meeshaa waraanaa Ardiichatti argamuu kessaa harka 80 kan qabatu ta’us himaniiru.

Akka ibsa Gamtaa Afriikaatti meeshaan waraanaa seeraan alaa siiviloota harkatti argamu miiliyoona 40 keessaa ifatti kan galma’ee miiliyoona 5.8 yoo ta’u, miiliyoona 16 kan hin galmaa’inii fi kan hafe miiliyoona 18 ol immoo haalli irraa jiru hin beekamne jedhame.

‘Kuni kan nama yaachisuudha’ kan jedhan Koomishnarichi Nageenya,Buulchinsaa fi Misooma Afriikaaf wanta soda guddaa ta’e kana furuuf carraaqqii keenyaa dachaa taasisuu qabnas jedhaniiru.

Afriikaa badhaatufi nageenya qabdu uumuuf lammiileen baatii dhiifaama kana keessaa meeshaa waraanaa karaa seeraan alaa qabame fedhiin akka deebisanif waamichaa dhiyyeessaniiru jeechuun CGTN gabaaseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015