Bara 2012tti aggaammiwwan saybarii 787 fashalaaye

57

Finfinnee, Hagayya 18, 2012 (TOI) – Bara baajataa 2012tti aggaammiiwwan saaybarii 787 fashaleessuu isaa Eejansiin Nageenya Odeffannoo Biyyolessaa beeksise.

Itti Aanaan Daayreektara Olaanaa eejansichaa obbo Kafiyaalaw Tafarraan waajjirri isaanii aggaammiiwwan turan 1078 keessaa %73 yookin 787 fashalsuusaa beeksisaniiru.

124(%11.5) kan ta'aniif deebii laachuuf hojjetamaa kan jiru yoo ta'u, 167(%15.5) ammoo sababoota adda addaatin deebiin kan hin laatamneefidha.

Aggaammiiwwan saaybaraa turan keessaa 474 sooftiweerota maalweerin kan raawwataman yoo ta'u, 288 kan marsariitiiti.

104 kan bu'uuraalee misoomaa,188 siistama hin eeyyamamin seenuuf yaaluu, 22 bu'uuraalee misoomaa saayrbarii adda kutuu, 2 burjaajjii saaybaraatin kan raawwatamanidha.

Aggaammiiwwan %90 rakkoo hubannaa dhabuu namootatiin kan mudatanidha jedhan obbo Kaffiyaalaw.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015