Ministirri Dhimma Alaa Gadduu Andargaachoo Itoophiyaatti ambasaddara Sudaan simachuun hasofsisan

72


Finfinnee Hagayya 7/2012(TOI)- ministirri dhimma alaa Gadduu Andargaachoo itoophiyaatti ambasaddara sudaan sudaan ta’uun kan muudaman Shamaal El Shaakii xalayaa muudamaa harkaa fuudhuun simatan

Ministirri dhimma alaa wayta kana akka jedhanitti hariiroo biyyoota lameenii bara dheeraa lakkofsise karaa heduun obbolummaa fi jaalala irratti kan hunda’e jedhan.

Itophiyaan fedhii fi faayidaa biyyoota lamaanii itti fufiinsaan eegsisuufi sadarkaa guddaa irraan gahuuf ni hojjetti jedhan.

Ambasadarichi bara hojii isaanii milkeessuuf deegarsa barbaachisaa ni goonaf jedhan.

Ambasaddari sudaan Shamil El Shaakii gama isaanin itoophiyaa si’a lammaffaf muudamanii dhufuu himuun hariiroo walitti hidhamiinsa yeroo dheeraa seenaa,aadaa fi yaadaa uummata walitti hidhamef ambasaddara ta’uu isaanitti gammaduu himan.

Yeroo turtii isaanitii hariiroo biyyota lameenii sadrkaa olaanaa irraan gahuuf akka hojjetan waadaa galan.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015