Bara kana Sadarkaa biyyaatti biqiltuu biiliyoona 5 dhaabuuf karoorri qabame milkaa'uu muummee Ministiraa Dooktar Abiy Ahimad ibsan.

74

Bara kana Sadarkaa biyyaatti biqiltuu biiliyoona 5 dhaabuuf karoorri qabame milkaa'uu muummee Ministiraa Dooktar Abiy Ahimad ibsan.
Dr.Abiyyi lammilee hojii biqiltuu dhaabuu kanarratti hirmaachuun karoorichii akka milka’uuf gahee isaanii bahaanis galateeffataniru.
Finfinnee, Hagayya 6/ 2012 (TOI) – Sirni cufiinsa "ashaaraa magariisaa" kan bara kana Naannoo Amahaaraa magaalaa Bahar daritti geggeffama jira.
Sirna cufiinsa kana irratti muummee Ministiraa dooktor Abiy Ahimad dabalatee hoggansi olaanoo federaalaa fi naannoo argamaniiru.
Akka Dr. Abiy sirana kanarratti jedhanitti, hojii asharaa magaariisaa Kanaan bara darbe biqiltuu biiliyoonni 4 dhaabamuun ni yaadatama.
bara kanas biqiltuu biliyoonni 5 dhaabamera.
Bara haraa dhufu immoo biqiltuun biliyoonaa 6 kan dhaabbatu yoo ta’uu haala adda ta’een immoo biyyoota ollaatif biqiltuun isaan dhaaban kan qophaa'u ta'uus beeksisaniru .
Kunis biyyoota ollaa waliin biqiltuu yoo dhabbane naannichaa haalaa qilleensaa naannoo gaarii akka qabatu qochuu keessaatti shoora waan bahuufi jedhaniru.
Biqiltuuwwan dhaabbaman akka qabatan ummanni kunuunsuu akka qabus Dooktar Abiy dhaamaniiru.
Pireezidantiin naannoo Amhaaraa OBBO Tamasigeen xureenis bara kana sadarkaa naannoo amahaaratti biqiltuun biliyoonaa 1.6 dhaabachuu himaniru. Kunis akkataa karoorichaan haraka 105 kan ta’uudha jedhan.
Ityoophiyaan waggoota 4tti biqiltuu biiliyoona 20 dhaabuuf karoorfachuushees yaadachisaniru..

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015