Dargaggoonni godina Arsii haala nageenyaa irratti mari'atan

121

Finfinnee  Adooleessa 29/2012(TOI) - Dargaggoonni Godina Arsii Haala Nageenyaarratti Magaalaa Asallatti mari'ataa jiru.

Sadarkaa Ministeeratti Pireezidaantii Akkadaamii Hooggansa biyyaalessaa Obbo Awwaluu Abdiitu mariisisaa jira.

Arsii maqaan Gootota Atileetota isheen Addunyaarratti beekamu,Oomisha qonna isheen biyya soortu maqaa ishee xureessuuf du'a Aartisti Haacaaluu Hundeessaan booda wanti raawwate gonkumaa qeerroo bakka hin bu'u jedhame.

Gochi raawwates nama saalfachiisa jedhame.

Rakkoo nageenyaa uumameen Qabeenyi barbadaa'e,lubbuun namaa darbee, saamichi raawwatee xaa'oon misoomaa dhufellee gubateera jechuun waltajjii kanarratti ka'ee jira.

Sababa humnoota badii muraasa Qeerroo keessaa bahaniin Qeerroon maqaan jedhu kan badii taa'aa dhufuun nu gaddisiisaa jiras jedhame waltajjii kanarratti.

Jijjiirama eenyu fide eenyu diiguu deema jennee of gaafachuu qabnas jedhan. Maddi OBN.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015