Karoora bara kanaa keessaa hanga yoonaa biqiltuun biliyoonni 4.1 dhaabbame jedhame

138


Finfinne Adoleessaa 23/2012(TOI) - Sagantaa Ashaaraa Magaarisaa bara kanaatin biqiltuu biiliyoona 5 dhaabuuf karoorfamee keessaa biqiltuu biiliyoonni 4.1 dhaabbamuu Ministeerri Qonnaa beeksise.
Ministirri Qonnaa obbo Umaar Huseen gabaasa dhaabi biqiltuu ministira muummee Dr.Abiyyi Ahimadif dhiyeessaniin karoora qabame keessaa hanga ammaatti harki 83 milka’uu himaniiru.
Muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad gama isaanitiin milkiiin Hidha Haaromsaa irratti galmaa'e, ashaaraa magariisaa irratti dabalamuu akka qabu waamicha dhiyeessanii jiru.
Dhaabbiin biqiltuu carraa hojii uumuu waliin walqabachuu akka qabus yaadachiisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015