Weerarri Vaayirasii Koronaa ,weerara Fayyaa qofa osaa hin taane,weera Diinagdeetis; Dr.Abiyyi Ahimad

151

Finfinnee ,Waxabajjii 1/2012 (TOI) -Weerarri Vaayirasii Koronaa sanyii,bifa,biyya,haala qilleensaa fi teessuma lafaa addaan osoo hin baasiin kan tamsa’u weerara hamaa addunyaa kanaa waan ta’eef of eeggannoo taasiisuun barbaachisaadha jedhan Dr.Abiyyi Ahimad Ministirri Muummee Itiyoophiyaa.Itti dabaluunis Koronaan Weerara Fayyaa qofaa osoo hin taane weerara diinagdeetis jadhan.Weerarri Vaayirasichaa Itiyoophiyaa keessatti Naannoolee sagalii fi bulchiinsoota magaalaa lamaan keessatti mul’ateeras jedhaniiru.Hanga ammaattis namoonni 2020 Itiyoophiyaa keessatti Vaayirasichaan yommuu qabaman naoonni 27 immoo sababa dhibee vaayirasii kanaan lubbuun isaanii darbeera. Gabaasa hanga ammaa jiruun Magaalaa Finfinnee keessatti namoonni 1444,Naannoo Oromiyaatti namoonni 125,Tigiraaayitti namoonni 64,Amaaraatti namoonni 119,Naannoo Somaaleetti namoonni 112,Afaaritti namoonni 34,Harariitti namoonni 14,Beenishangul gumuzitti namoonni 4 ,nannoo Gaambeellaatti namni 1,bulchiinsa magaalaa Dirree dawaatti namoonni 10,Naannoo saba,sab-lammootaa fi Uummatoota kibbaatti namoonni 11Vaayirasii Koronaan qabamuu ibsaniiru.
Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa walga’ii adda 5ffaa galma walga’ii Waajjira Ministira Muummeetti taa’aa jira.
Miseensonni Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa gaaffilee gara garaa Ministira Muummeef dhiyeessaanii Jiru.
Ministirri Muummee Dr Abiyyi Ahimad gaaffilee ka’aniif deebii kennaniiru.