Koreen Sagantaa Misooma Magariisaa hojiilee misooma godina Shawaa Bahaa daaw’ataa jiru

152

Finfinnee Caamsa 22/2012(TOI)- Jilli koree sagantaa Misooma Magariisa Biyyaalessaa Ministiroota,Abbootii Amantaa,Atileetoota fi Ogeeyyii Artiin durfamu Godina Shawaa Bahaatti sadarkaa qophiin Biqiltuu ganna baranaa dhaabbatu irraa jiru daawwata jiru.

Jilli kun  magaalaa Mojootti biqiltuu dhaabbiif qopha'aa jiru daawwate jira.

Akka naannoo Oromiyaatti giddu galoota biqiltuu qopheessa jiran keessatti dargaggoota kuma 25 fi 700 olif carraan hojii uumameera.

Ministirri Qonna Obbo Umar Huseen biqiltuun bara darbe dhaabbate madaala qilleensaa eegu keessatti gahee olaanaa baha akka jiru himan.

Baranas biqiltuu firiin isaa nyaatamu fi jijjiirama qilleensaan rakkoo uumamuu to'atu dhaabuuf qophii gahan taasifamaa jira jedhan.Maddi OBN.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015