Namoonni dabalataa 95 Vaayirasii Koronaan qabaman

135

Finfinnee Caamsaa 22/2012(TOI)- Qoranno sa’aaii 24 darbetti namoota 5034 ta’aniif godhameen namoonni dabalataa 95 vaayirasii koronaan qabamuu Ministirri Fayyaa Dr.Liyaa Taaddasaa beksisan.

Namoonni imala biyya laa qaban 30.

Kanneen namoota vaayirasiii Kanaan qabamaniin tutuqaa qaban 4.

Imala biyyaa alaa fi tuttuqaa nama vayirasichaan qabameen beekkame kannen hin qabne immoo namoota 61dha.

Namonnni vayirasichaan qabaman dhiira 71 fi dubartoota 24  yoo ta’an umrii  15 hanga 80 gidduudha.

Namoonni 94 lammii itoophiyaa tokko immoo lammii Hinditi.

Namoonii sa’aatii 24 keessatti qabamuun isanii mirkanaahe kunneen 56 magaalaa Finfinnee keessayi. Namonin 3 naannoo Tigraay, tokko Naannoo Affaar,namni 5 naannoo Amaaraa ,namni 22 Naannoo Oromiyaa , namoonni 3 naannoo Hararii,2 Bulchiinsa magaalaa Dirre Dawaa, namni 3 immoo naanno Somaaleti.

Namooni dandamatan 11 yoo ta’an walumaa galatti namoonni 208 ta’an dandmatanii jiru.

Lakkofsi namootaa vaayirasii koronaa qabamanii 1063 gahee jira.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015