Mootummaan Kuwataar Itoophiyaaf deegarsa meeshaalee ittisa COVID-19 taasise - ENA Afaan Oromoo
Mootummaan Kuwataar Itoophiyaaf deegarsa meeshaalee ittisa COVID-19 taasise
Finfinnee Caamsaa 19/2012(TOI) - Ministirri Muummee Dr.Abiyyi deeggarsa Mootummaan Kuwataar meeshaalee weerara vaayirasii Koronaa ittisuuf gargaaran taasifteef galateeffatan.
Mootummaan Kuwataar haguugdota Afaaniifi Funyaanii, Guwaantota wal'aansaa, haguuggii fuula guutuuufi uffatawwan tuqaa qaamaa dhorkan dabalatee meeshaalee ittisa COVID-19 waan nuu ergeef nan galateeffadhaa jedhan Dr.Abiyyi Ahmad.
Tattaaffii nuti weeraricha qolachuuf goonu waan deggartaniif galanni koo guddaadhas jedhan.