Namoonni 14 Dabalataan Vaayirasii Koronaan Qabaman - ENA Afaan Oromoo
Namoonni 14 Dabalataan Vaayirasii Koronaan Qabaman
66
Caamsaa 11/2012 (TOI) - Sa'aa 24 darbe qorannaa laabraatoorii namoota 3271f taasifameen namoonni 14 vaayirasii koroonaan qabamuu isaanii ministirri mayyaa Dr. Liyaa Taaddasaa beeksisan.
Namoota Vaayirasiin koronaa irratti argame keessa 6 seenaa imala biyya alaa kan qaban akka ta’e beekameera.
Namoonni kunneenis keessaa 9 Finfinneerraa, 1 Oromiyaarraa (konkolaachisaa daangaa qaxxaamuru), 3 naannoo Somaalee tursa addaa Jigjigaarraa, 1 naannoo Tigraay konkolaachisaa daangaa qaxxaamuru ta'uu ministirri fayyaa Dr. Liyaa taaddasaa ibsaniiru.
Hanga ammatti biyyatitti namoonni Vaayirasii koronaan qabaman 365 akka ga’e himameera.