Itiyoophiyaatti Namoonni 19 Dabalataan Vaayirasiin Koronaa Irratti Argame - ENA Afaan Oromoo
Itiyoophiyaatti Namoonni 19 Dabalataan Vaayirasiin Koronaa Irratti Argame

Caamsaa 8/2012(TOI) – Sa’aatii 24 darbe Itiyoophiyaatti qorannoo laaboraatoorii 4044 taasifameen namoota 19 irratti vaayirasiin koronaa irratti argamuusaa ministeerri fayyaa beeksise.
Haala Kanaan waliigala Itiyoophiyaatti namoonni vaayirasiin kun irratti argame 306 qaqqabeera.
Namoonni vaayirasiin irratti argame 15 dhiira 4 dubartoota yemmuu ta’an hundi Itiyoophiyaanota umuriinsaanii 16 amma 55 kan ta’edha.
Kanneenis 2 finfinnee, 2 naannoo oromiyaa Shawaa lixaa aanaa Dandii magaalaa Giincii , 3 naannoo Tigraati bakka adda baasuun tursiisa mayikadiraa fi Satiit humaraa, 1 naannoo Amaaraa bakka adda baasuun tursiisaa Matammaaamma ammaatti namoonni , 11 ammoo naannoo Somaalee bakka adda baasuun tursiisaa Jigjigaa ta’uusaanii beeksiseera.
Namni tokko dabalataan kan bayyanate yoo ta’u, walii gala namoonni 113 bayyanataniiru.
Vaayirasichi irratti argamee yaalamaa kan jiran 186 dha.
Amma ammaatti walii gala qorannoon laaboraatoorii kuma 53 fi 029 taasifamuu ministeerri fayyaa ibseera.