Itiyoophiyaatti Namoonni Dabalataa 25 Vaayirasii Koronaatiin Qabaman

69

Ebla 28/2012 /TOI/ - Itiyoophiyaatti sa'aatii 24 darban keessatti namoota qorannoon taasifameef 1843 keessaa namoonni 25 vaayirasii kornaatiin qabamuun mirkanaa'ee.

walumaagalatti hanga ammaatti biyyattii keessatti lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamanii 187 gahuu ministeerri fayyaa beeksise.  

Namoota vaayirasichaan qabamanuun mirkanaa'e keessaa 3 qofti seenaa imala biyya alaa kan qabanidha.

Namootni 3 immoo dhukkubichaan qabaman wajjin tuttuqqii kan qaban yoo ta'u, namoonni 19 immoo seenaa imala biyya alaas hin qaban, nama dhukkubichaan qabame wajjinis tuttuqqii hin qaban jedhameera.

Namoota vaayirasichaan qabaman keessaa nammooni 2 jiraattota naannoo Oromiyaa ( godina Booranaa, bakka turtii addaa fi Godina Addaa Oromiyaa, Naannawaa Finfinnee), namoonni 21 jiraattota magaalaa Finfinnee yoo ta'an, namoonni 2 immoo jiraattota naannoo Sabaa fi Sablammoota Ummattota Kibba (godinoota Hadiyyaa fi Kambataa) akka ta'an ministeerri fayyaa beeksiseera. 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015