Dooktar Kaatriin Haamliin boqatan

64

Bitootessa 10/2012 ( TOI) Ityoophiyaatti Hundeessituun Hoospitaala Feestuullaa Dooktar Kaatriin Haamliin umrii isaanii waggaa 96ffaatti boqatan.

Muummeen ministraa dooktar Abiy Ahmad du'a Dooktar Kaatriin Haamliinin gadda isaanitti da'agahame ibisan.

akka mummeen ministiraa jedhanitti Dooktar Kaatriin Haamliin waggoottan 60 ol dubartoota Itoophiyaa Feetullaan rakkataniif yaalaa kennaa akka turan ibisanii oolmaa isaan biyyattiif oolaniin galateeffataniiru.

Dooktar Kaatriin Haamliin dhalootan Awustiraaliyaa yoo ta'an, Ityoophiyaaf oolmaa jabaa oolaniin waggaa 8 dura lammummaan kabajaa kennameefit ture.

Yuunvarsiitin Finfinneetis Dooktareeta Kabajaa kennuufin ni yaadatama.
Dhaabbata Tola Oolmaa Haamliin Feestuullaa Ityoophiyaa hundeessuun waggoota 60 oliif Ityoophiyaatti tajaajila laachaa turaniiru.

Dubartoonni feestuullaan miidhaman kumni 65 ol deeggarsa yaalaa fi xinsammuu akka argatanii fayyanis taasisa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015