Maaraatoonii Loos Anjalasiin Atileet Baayyalliny Tashaagar injifate - ENA Afaan Oromoo
Maaraatoonii Loos Anjalasiin Atileet Baayyalliny Tashaagar injifate
83
Finfinnee Gurraandhala 30/2012 (TOI) Waldorgommii maaraatoonii Loos Anjalas 35ffaadhan Atileet Baayyalliny Tashaagar injifateera.
Waldorgommii maaraatoonii jalqabaa kan taasise Atleet Baayyalliny fageenyicha sa’aatii 2:09:27 sadarkaa 1ffaan injifachuu danda’eera.
Dorgommicha atileetonni lammii Keeniyaa Wilsan Keebeetii fi Maaykil Cheegee sadarkaa 2ffaa fi 3ffaan xumuraniiru.
Waldorgommii dubartootatiin Atileet Almaaz Nagadii sadarkaa 2ffaan yoo xumurtu, atileetiin lammii Keeniyaa Maargaareet Muurkiin injifateetti.
Gama biraatin fiigicha walakkaa maaraatoonii Niiwzarlaad Za Heegitti gaggeeffameen Atleet Daawit Waldee injifachuu isaa ragaan Afrikaan Atleetiiks Yuunaaytid irraa arganne ni muli'isa.