Badhaadhina Biyyaa mirkaneessuuf hunduu waliin hojjechuu qaba ... Dooktar Abiyyi Ahimad

99

Guraandhala 11/2012/TOI/ Badhaadhina Biyyaa mirkaneessuuf hunduu waliin hojjechuu qaba jedhan muummeen ministraa Dooktar Abiyyi Ahimad.

Ministirri Muummee Dooktar Abiyyi Ahimad Godina  silxee  Isaadiyeemii Magaalaa Waraabeetti argamuun Jiraattota Godinichaaf ergaa dabarsaniiru.

Akka Dooktar Abiyyi jedhanitti "biyya kanaaf rakkoon hiyyummaa caalu hin jiru,
Silxeen ummata hojii jaalatu, tattaaffataa badhaadhina biyyaaf hojjetu " jedhaniiru.  

Ummata obbolaa kaan waliin ta'uudhan badhaadhina biyyaaf caalmadhaan hojjechuu akka qabaanis dhaamaniiru.

Gaaffii ummatichaa deebisuuf kan tattaaffatamu ta'uu himuun, biyya ceesisuuf tumsaan hojjechuuf waamicha dhiyeessaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015