Caffeen Oromiyaa yaa'ii idileesaa gaggeessuu eegale

70

Gurraandhala, 10/2012 (TOI)  Caffeen Oromiyaa yaa'ii idileesaa gaggeessuu eegale.

Caffeen Oromiyaa har'a Gurraandhala 10 bara 2012 yaa'ii idilee 11ffaa bara hojii 5ffaasaa gaggeessaa jira.  

Yaa'ichaan raawwii qaamolee rawwachiistuurratti gabaasni dhiyaatee irratti ni mari'atama. 

Caffichi olaantummaa seeraa fi nageenyarratti bal'inaan akka mari'atu ni eegama. 

Itti aanaan preezidaantii mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdisaa gabaasa raawwii qaamolee raawwachiistuu ni dhiyeessu. 

Caffeen Oromiyaa yaa'iisaa guyyaa lamaatin wixineewwan labsii 6 fi muudamoota garagaraas ni raggaasisaan jedhametu eegama. 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015