Maallaqni biyyoota garagaraa kumni 84 fi 587 karaa seeraan alaa osoo dabarfamaa jiruu to’atame

61

Finfinnee, Gurraandhala 9/2012 (TOI) Maallaqni biyyoota garagaraa kumni 84 fi 587 karaa seeraan ala osoo dabarfama jiru to’atamee.

Doolaarri Ameerikaa kuma 17 fi 965, Paawundiin kuma 2 fi 520 fi Riyaaliin Yaman kuma 64 fi 102 ida'amni 84 fi 587 karaa seraan alaa biyyaa ba’uuf wayita jedhutti buufata sakatta’iinsa Dawwaaleetti to’atameera.

Mallaqni seeraan alaa kun baankii Biyyaalessatti galii kan ta’e yoo ta’u, shakkamtoonni yakkicha raawwatan 4 to’annoo jala ooluun pooliisii Federaalaan qoratamaa akka jiru ragaan Ministeera galiiwwanii irraa arganne ni mul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015