Piroojektiin Jallisii Weelmal eebbifame

675

Amajjii 26/2012 /TOI/ Jilli Ministira Muummee Dooktar Abiyyi Ahimadiin duurfamu Piroojektii Jallisii Weelmal eebbisiise.

Godina Baalee Aanaa Dalloo Mannaatti Piroojektiin misooma jallisii Weelmal baasii Birrii Miliyoona 36 fi kuma 901 fi 485 ijaaramuun xumurame.

Jallisiin kun lafa heektaara 400 kan misoomsu yoo ta’u,qonnaan bultoota aanichaa 1,123 fayyadamoo taasiisa jedhameera. 

Aanuma kanatti proojaktii misooma jallisii Birrii biiliyoona 3, lafa heektaara kuma 11 ol misoomsuu danda’u hojjechiisuuf dhakaan bu’uuraa kaa’ameera.