Mariin Hidha Haaromsaa Ameerikaatti egalame gaggeeffamaa jira

66

Finfinnee, Amajjii 20/2012 (TOI) Mariin Hidha Haaromsaa Ameerikaatti egalame har'as gaggeeffamaa jira.   

Walga'iin ministiroota Dhimma Alaa Ityoophiyaa, Sudaanii fi Gibts kaleessa Ameerikaa, Waashiingitanitti eegalameera.

Waltajjichaan guutinsa bishaanii fi bulchiinsa yeroo gogiinsaarratti mari'atamaa jira.  

Itiyoophiyaa, Gibtsii fi Sudaan taajjabdummaa ministira Maallaqaa Ameerikaa fi Baankii Addunyaatin mari'achaa jiru.    

Jilli Itiyoophiyaa ministira Ministeera Dhimma Alaa FDRI obbo Gadduu Aandaargaachaw fi ministira Ministeera Bishaan, jallisii fi Inarjii Dooktar Silashii Baqqalaatin duurfamu walga'icharratti hirmaachaa jira. 

Biyyootni sadan marii dhimma hidha haaromsaa kana ilaalchisuun guyyaa 10 dura waashiingitanitti gaggeessan haala gaariin xumurun isaanii kan yaadatamu dha.

Biyyoonni sadan dhimma hidhichaarratti mari'achuuf torbee darbe Sudaan Kaartuumitti walga'uun isaanii ni yaadatama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015