Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad Qaamolee Addaddaa Naannoo Kibbaarraa Walitti Baba’an Waliin Mari’achaa Jiru

143

Amajjii 14/2012 (TOI) – Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad abbootii amantaa, jaarsolii biyyaa fi dargaggoota naannoo Kibbaarraa walitti baba’an waliin mari’achaa jiru.

Godinoota fi aanaalee Naannichaa hundarraa kan dhufan namoonni kuma lamaa ol marii kanarratti argamaniiru.

Yeroo dhihooti asitti gaaffii naannummaa ka’umsa godhachuudhaan sochiileehin malle naannichatti mul’achaa jiran mariin hiikuun kaayoo marii kanaa ta’uun himameera.

Kana malees rakkoolee fuulduraaf naannichatti uumamuu danda’an waliin ta’uun furmaata laachuun ajandaa marii kanaati.

Kana dhugoomsuufis har’a xumura marichaarratti koreen waliinii akka hundaa’u ni eegama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015